Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Burundii waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Pireezidaantii Burundii Everistee Dessimiyee waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniiin hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota naannoo biyyattii irratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa irraa argameetti

Obbo Dammaqaan daawwannaa hojiif galgala kaleessaa Burundii galaniiru.

Adeemsi marii idilee biyyoota yaa’a laga Abbayyaas akka itti fufu gaafataniiru.

Dabalataanis, Ityoophiyaan ummata Sudaan cinaa dhaabbachuu itti fufti jedhan.

Pireezidaant Everesti gama isaaniin, hariiroon dippilomaasii dame hedduu Ityoophiyaa fi Burundii seena qabeessa ta’uu fi kunis daran fooyya’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Nageenyi Ityoophiyaa nageenya Afrikaaf murteessaa ta’uu eeruun, Ityoophiyaan nageenya mirkaneessuuf tattaaffii taasiftu dinqisiifataniiru.

Biyyoonni Afrikaa biroos muuxannoo yeroo dhiyoo Ityoophiyaatti mudaterraa akka fudhatan gorsaniiru.

Burundiin waldhabdeewwan naannoo Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaatti ka’aa jiru furuuf marii gam sadee gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu ni deeggarti jedhan.

Rakkoolee biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jiddu jiran furuuf mariin barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyyoota biroo irratti miidhaa osoo hingeessiin jireenya ummata ishee misoomsuu fi jijjiiruuf mirga qabdi jedhan pireezidaantichi.

Ittaanaan muummee ministeeraa fi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnin ergaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad ergan Pireezidaantichatti kennaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment