Finfinnee, Sadaasa 15, 2015 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan walga’ii misooma Indaastirii Afrikaa Niijer Niyaamiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Walga’icha cinaatti komishinira komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame keessatti qooda Gamtaan Afrikaa ba’e galateeffataniiru.
Muusaa Faakiin gama isaaniin, Mootummaan Ityoophiyaa ejjennoo cimaa Inisheetiivii Nageenyaa Gamtaa Afrikaarratti mul’ise dinqisiifataniiru.
Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa Afrikaanoonni rakkoo isaanii ofiin furachuu akka danda’an kan mul’ise ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.