Obbo Dammaqaan Muummee Ministiraa Xaaliyaan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin ergaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadirraa ergame Muummee Ministiraa Xaaliyaan Juseppee Konteef qaqqabsisaaniiru.

Jilli hoggantoota hojii mootummaa olaanoo obbo Dammaqaa Makkoonniin durfamuu har’a Xaaliyaan magaalaa Room galaniiru.

Ityoophiyaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii eegaltee itti gaafatamummaa fi of eggannoon  xumuruu akka dandeessu abdii akka qaban Muummee Ministiraa Xaaliyaan Juseppee Konteen ibsan.

Marii isaaniitin obbo Dammaqaan haala waaqtawaa biyyaarratti ibsa laataniiru.

Tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu  kaabaa Ityoophiyaatti eegalamee boqonna xumurarraa ga’uu ibsaniiru.

Muummee Ministiraa Xaaliyaan Juseppee Kontee gama isaaniitin, Ityoophiyaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii eegaltee itti gaafatamuummaa fi of eggannoon  xumuruu akka dandeessu abdii qabachuu ibsuu isaanii ragaan imbaasii Ityoophiyaa Roomitti argamuurra argannee ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment