Obbo Dammaqaan miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa Tireenit Keelii waliin mari’ataniiru.

Haala hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dhimmoota haala waqtaawaa Afrikaa Bahaa ilaalchisuun mari’achuu isaanii ibsameera.

Mootummaan Ameerikaa himannaa sarbama mirga namoomaa Ityoophiyaarra kaa’e kaasuun hariiroon biyyoota lamaanii fi tumsi idil addunyaa isaanii caalmaatti akka cimu kan taasiisu ta’uu Tireenit Keeliin himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tireentii Keeliin,Ityoophiyaan waliigaltee Piriitooriyaa kabajuun tarkaanfiwwaan fudhattee fi waliigaltichaan boodaa fooyyeessa taasifte dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment