Obbo Dammaqaan Ministiroota Alaa Afrikaa Kibbaa fi Chaad waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira tumsa Idil addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaleedaa Paandoorii fi Ministira Alaa Chaad Maahimaat Anaadiif waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Walgahii 43ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Keeniyaa Magaalaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Ministira tumsa hariiroo Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaleedii Paandoori fi Ministira Alaa Chaad Maahimaat Anaadiif waliin dhimmoota hariiroo waloo fi naannawaarratti mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota kanneenii caalmaatti cimsuuf walii galuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment