Obbo Dammaqaan Ministiraa Alaa Turkii fi Daayreektara olaanaa Fandii Misoomaa Kuwaatar waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministiraa Alaa Turkii Meevluut Kaasoogluu waliin Kuwaatar Dohaatti dhimmoota waloorratti mari’atan.

Obbo Dammaqaan Fooramii Dohaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii waloo qaamoolee garaagaraa waliin gaggeessaa jiru.

Meevluut Kaasoogluu waliin hariiroo waloo fi dhimmoota waqtaawaarratti marii taasiisaniiru.

Dhimmoota hariiroo fi michummaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Daayreektara olaanaa Fandii misoomaa Kuwaatar Kaaliifaa Jaasiim  Al Kuwaarii waliinis mari’ataniiru.

Deeggarsa Fandiin misoomaa Kuwaatar dameewwan misoomaa garaagaraan Ityoophiyaaf taasiisaa jiru obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru.

Deeggarsi kun hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Fandiin misoomaa Kuwaatar Ityoophiyaatti deeggarsi damee diinagdee fi hawaasummaan taasiisu cimee itti fufuun hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti kan ceesiisu ta’uu amantaa qabaachuu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaaraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment