Obbo Dammaqaan ministira Diinagdee Emmireetota Arabaa Gamrtooman Sulxaan Biin Sayid Al Mansuurii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan ministira Ministeera Diinagdee Emmireetota Arabaa Gamrtooman Sulxaan Biin Sayid Al Mansuurii waliin mari’atan.
 
Mariin isaanii hariiroo diinagdee fi tumsa biyyoota lamaanii cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.
 
Biyyoonni lamaan diinagdee fi walitti dhufeenya diippiloomaasiin naannoo Gaanfa Afrikaatti hidhata cimaa uumaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
 
Sulxaan Biin Sayid Al Mansuuriin gama isaanitiin hariiroon diinagdee biyyoota lamaanii akka cimu mootummaan isaanii ga’eesaa kan ba’atu ta’uu eeraniiru.
Comments (0)
Add Comment