Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Swiidiin Annaa Liindee waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Swiidiin Annaa Liindee waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame milkiin xumuramuu ibsa taasiisaniiru.

Hojiin dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan dhaabbilee deeggartootaa idila addunyaa waliin ta’uun lammiilee deeggarsa namoomaa isaan barbaachisu adda baasuun hojiin deeggarsa qaqqabsiisuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Dhiyeessiin Deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee yaalaa buufataalee 92 irraa raabsaamaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Naannichaatti dhaabbileen deeggarsaa 26 ta’an iddoolee garaagaraatti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka qaqqabu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan diimookraatawaa, amanamaa, hirmaachisaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Ministiroonni lammeen hariiroo biyyoota lamanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu marii taasiisaniin himaniiru.

Ministira Ministeera Dhimma Alaa Swiidiin Annaa Liindeen ibsa laatameefiif galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment