Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Ruwaandaa waliin mari’atan

Finfinnee Hagayya 5 ,2015 (FBC)- Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaa Ruwaandaa Viinsit Biruutaa waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis, hariiroo hunda galeesaa biyyoota lameen gidduu jiru haloota cimsuu dandeessisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Viinsit Biruutaan har’a ganama daawwannaa hojiif Finfinnee kan galan yoo ta’u, Muummee Ministira FRDI Dooktar Abiy Ahimad waliin mari’achuun isaanii ni yadaatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment