Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Alaa Maalaawwii Ayizanhaaweer Mikaakaa waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan hariiroon seenaa qabeessi biyyoota lamanii bara dheeraa ture damee hundaan caalmaatti cimuu akka qabu ibsaniiru.
Sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabe jedhame Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun qorannoo gaggeessaa jiraachuu Ayizanhaaweer Mikaakaaf ibsa taasiisaniiru.
Ministira Ministeera Alaa Maalaawwii Ayizanhaaweer Mikaakaan gama isaanii haala yeroo biyyattii ilaalchisee ibsa taasiifameefiif galateeffachuun, hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.