Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Emireetoota Araba Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira dhimma Alaa Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaahii Biin Zaayid  waliin mari’ataniiru.

Haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan waliigaltee nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Hojiirra oolmaa isaaf mootummaan Ityoophiyaa murannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamolee tumsaa fi tattaaffii taasiisan hunda galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ministirri Dhimma Alaa Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaahii Biin Zaayid gama isaaniin,waliigaltee nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifametti gammaduu ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii dameewwan daldalaa fi Invastimantiin jiru caalmaatti cijsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment