Obbo Dammaqaan Mana Maree Nageenyaatti bakka bu’ummaan haqa qabeessii akka jiraatuuf gaafatan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Ittaanaan Ministiraa Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnniin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbataa Mootummota Gamtoomaniitti bakka bu’ummaan haqa qabeessii akka jiraatuuf gaafatan.

Obbo Dammaqaan yaa’ii waliigalaa 78ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jiru cinaatti fooyyessa raawwii Mana Maree Nageenyaa ilaalchisuun waltajjii Chaansilarri Jarman Olaaf Shoolziim qopheessan irratti hirmaataniiru.

Marichis sadarkaa idil addunyaatti haalota yeroo mudatanii fi hojiilee fooyyessa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii irratti yaada waljijjiiruuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Obbo Dammaqaan Manni Maree Nageeenyaa dhaabbatichaa bakka bu’ummaa haqa qabeessi akka jiraatu gochuun fedhii biyyoota hundaa ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaanis dhimmicha irratti biyyoota Afrikaa waliin ejjennoo walfakkaataa akka qabduu eeruun, manni marichaas bakka bu’ummaa haqa qabeessaa akka qabaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen faayinaansi idil addunyaas guddinaa fi misoomaa waaraaf deebii quubsaa kennaa akka hinjirre kan dubbatan Obboo Dammaqaan, dhaabbileen madda faayinaansii misoomaa ta’an fooyyessa hatattamaa taasisuun akka barbaachisu hubachiisaniru.

Gama biraatiin Obbo Dammaqaan, Dura Taa’aa Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammatii fi Pireezidaantii Waldaa Qaxxaamura Diimaa Addunyaa Mirjaanaa Iigir waliinis mari’ataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment