Obbo Dammaqaan Komishinara Dhaabbata Godaantoota Idil Addunya waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinara Godaantoota Addunyaa Filiip Giraandee waliin Jeneevaatti mari’atan.

Obbo Dammaqaan marichaan, Ityoophiyaatti godaantoonni miiliyoona 1 kan argaman ta’uu eeruun, waliigalteewwaan jireenya godaantootaa fooyyessuu fi haalota mijataa uumuuf mallatteessite hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru.

Jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf, hirmaannaa damichaa guddisuun, barnootaa fi kominikeeshinii Dijitaalawaa waliin gahuuf hojiilee hojjetamaa jranirratti Obbo Dammaqaan ibsa laataniiru.

Komishinar Filiip Giraandeen gamaasaaniin, Koomishinarri Godaantota Idil Addunyaa tumsa waggoottan dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaaraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment