Obbo Dammaqaan itti aantuu Ministira alaa Siwiizarlaand waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaan itti aantuu Ministira alaa Siwiizarlaand Sirii Waalti waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan haala Waqtaawaa Kaaba Ityoophiyaa ilaalchisuun Siriif ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa waldhabdeen Kaaba biyyattiitti muudate mariin akka furamuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.
Dabalataan mootummaan birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa tiksuuf dirqama qabaachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Qaamoleen lameen hariiroo bara dheeraa biyyoota kanneenii dameewwan daldalaa fi Turizimiin qaban cimsuuf waliigalaniiru jedhame.
Mariin hariiroo biyyoota lamaanii cimsu 5ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment