Obbo Dammaqaan Itti aanaa Pireezidaantii Koree Qaxxaamura Diimaa idil addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Itti aanaa Pireezidaantii Koree Qaxxaamura Diimaa idil addunyaa Jiileesii Kaarbooneer waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan tajaajila namoomaa dhaabbatichi Ityoophiyaatti taasiisa jiru galateeffataniiru.

Dhaabbatichi lammiilee Kaaba Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif saaxilamaniif dhiyeessii deeggarsa namoomaa taasiisu cimsee akka itti fufu gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment