Obbo Dammaqaan Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Turki Ambaasaaddar Buraak Aksapeer waliin mari’atan.

Marii isaaniin hariiroo damee hedduu gama lameenii Ityoophiyaa fi Turki irratti yaada waljijjiiruun, walta’iinsa waltajjiiwwan naannawaa fi kanneen biroorratti qaban haalota cimsuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Buraak gama isaaniin dhiyeenyatti balaa kirkira lafaa Turkiin mudatee tureen walqabtee deeggarsa Ityoophiyaan biyyattiif taasifte galteeffataniiru.

Lammiilee Turki Sudaan jiran gama biyyattii baasuutiin gahee Ityoophiyaan bahatte dinqisiifataniiru.

Walitti bu’iinsi Sudaan jiru tasgabbaa’ee humnoonni lameen rakkoolee isaanii mariin akka furatan hawwii gaarii qaban ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment