Obbo Dammaqaan hawaasa dippilomaasiif haala yeroorratti ibsa kennan

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Ittaanaa Muummee Ministiraa Fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaan hawaasaa dippilomaasii teessoon isaanii Finfinneef haala yeroorratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin deeggarsa namoomaaf jecha mootummaan tarkaanfii dhukaasaa dhaabuu gamtokkee taasisuu fi deeggarsa namoomaa hindaangeffamne Naannoo Tigiraayiif dhiyeessuuf tattaaffii taasifaman ibsaniiru.

Mootummaan waliigaltee qaama 3ffaa Waajjiraa Dhaabata Mkotummoota Gamtoomanii Mallateessuu, deeggarsa Baankii Addunyaarraa argame pirojektii yeroo balaa fi dandamannaa Naannoo Tigiraayiif akka hojiirra ooluu waliigalamuu ibsaniiru.

Ta’us, ABUT tarkaanfii nageenyaa mootummaan fudhatee cinaatti dhiisuun waraana banuu fi deeggrsaa nanoomaas waraanaaf oolchaa jiraachuu akkasuma, marii nageenyaa Gamtaa Afriikaan eegalamee dhiisuun waraanatti seenuu dubbatan.

Hawaasni addunyaas gochaa kana akka balaaleffatuu fi garechi gara marii nageenyaatti akka dhufu dhiibbaa akka taasisan gaafataniiru.

Mootummaan ammas marii nageenyaf qophiidha kan jedhan Obbo Dammaqaan, tokkummaa biyyattii fi nageenyaa lammiilee eeguuf qophii ta’uu himuu ragaan Waajjiraa Dubbii Himaa Ministeera Dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment