Obbo Dammaqaan gita isaanii Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan naannoo Tigraayitti hojii lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaa taasiifamaa jiru ilaalchisee Sargee Laavrooviif ibsa taasiisaniiru.

Lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deebii hatattamaa laachuuf dhaabbilee deeggarsa namoomaa dhiyeessan waliin tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov gama isaaniin ibsa obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniifif galateeffataniiru.

Rakkoo naannoo Tigraay furuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasiisaa jiru Raashiyaan kan deeggartu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Raashiyaa deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment