Obbo Dammaqaan Gaanfaa Afrikaatti Ergamaa Addaa Chaayina waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Chaayinaa Ambaasaaddar Zhu Biingi waliin mari’ataniiru.

Wayita marii isaaniittis Obbo Dammaqaan tumsa tarsiimawaa hunda galeessaa Chaayinaa waliin eegalteerratti kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.

Deeggarsa Chaayinaan dameewwan garaagaraarratti Itiyoophiyaaf taasisaa jirtu, akkasumaas gama nageenya, misoomaa fi bulchiinsaan gahee ijaaraa Afrikaa keessatti bahachaa jirtu dinqisiifataniiru.

Dabalataan Itiyoophiyaan garee BRICS’tti akka makamtuuf tumsa taasisaa turuu kaasaniiru.

Obbo Dammaqaan dabalataan waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu Mootummaa Itiyoophiyaa ibsaniiru.

Ambaasaaddar Zhu Biingi gama isaaniin, hariiroo gam lamee Chaayinaa fi Itiyoophiyaa gara michummaa tarsiimawaa caaluutti ceesisuuf tattaaffii taasifamaa jiru himaniiru.

Akkasumaas nageenyaa fi misooma Gaanfaa Afrikaaf gahee Itiyoophiyaan qabdu olaanaa ta’uu kaasanii, biyyattiitti adeemsi nageenyaa mirkaneessuu abdii qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi akka jedhanitti, koonfiraansii misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa Gaanfaa Afrkaa-Chaayinaa 2ffaa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment