Obbo Dammaqaan Ergamaa Addaa Dhimma Ittisa Beelaa fi Namoomaa Ingilaand waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin  Ergamaa Addaa Dhimma Ittisa Beelaa fi Namoomaa Ingilaand Niik Daayer waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraayiitti taasifamaa jiruu fi naannichatti lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti ergamaa addaa kanaaf ibsa kennaniiru.

Marsaa duraan lammiilee miiliyona 4.5 marsaa 2ffaan ammoo laammiilee miiliyoona 2.9’f deeggarsi namoomaa kennamuu fi marsaa 3ffaafis dhiyeenyatti deeggarsi akka kennamu ibsaniiru.

Rakkoo buqqaatotaa furuu fi dhaqqabummaan dhaabbilee deeggarsa namoomaa naannichatti taasisan cimsuuf akka hojjetamu Obbo Dammaqaan himaniiru.

Naannichatti dhiittaan mirga namoomaa ga’eera dhimma jedhuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afriikaa fi Komiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa dabalatee qaamoleen garagaraa qorannoo qorachuuf kan dandeesisu hojiileen jajjabeessoo hojjetamuu eeraniiru.

Paartilee morkattootaa, waldaalee siiviikii, jaarsoliin biyyaa fi qaamolee hawaasaa garaagaraa waliin mariin taa’uun Naannicha gara jireenya idileetti deebisuu hojjetamaa jira jedhan.

Ityoophiyaa fi Ingilaand hariiroo baroota dheeraaf ture qabaachuu eeruun, hariiroo kana daran cimsuuf akka hojjetamu Ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argamee ni mil’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.l’isa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment