Obbo Dammaqaan Deeviid Ku’arii waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin Muummee Ministiraa Biriitaaniyaatti Ministira dhimmoota idila addunyaa fi gorsaa itti aanaa nageenya biyyaalessaa Miisteer Deeviid Ku’arii waliin mari’atan.
Obbo Dammaqaan dhimma haala yeroo Ityoophiyaa biyyoota Awurooppaaf ibsa taasiisuuf ergama idila addunyaa fudhachuun Biriitaaniyaa galaniiru.
Gareen finxaaleyyii ABUT shira xaxuun ummataa fi mootummaarra badii hedduu qaqqabsiisuu eeraniiru.
Sababa kanaan mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf qaamolee badii seerratti dhiyeessuuf gara tarkaanfii fudhachuu eegaluu hubachiisaniiru.
Miisteer Deeviid gama isaaniin Ityoophiyaatti nageenyi amansiisaan jiraachuun tasgabbii naannichaaf hiikoo olaanaa qabaachuu himaniiru.
Mootummaan tarkaanfii duula olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwatu keessatti lammiileen nagaa akka hin miidhamnee fi deeggarsa mirga namoomaaf daandii mijeessuu akka qabu himaniiru.
Mootummaan tarkaanfii fudhatu keessatti lammiilee nagaaf of eeggannoo fi itti gaafatamummaa olaanaan kan raawwatu ta’uu obbo Dammaqaan himaniiru.
Obbo Dammaqaan opporeeshiniin olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Waajjira itti aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment