Obbo Dammaqaan Barreessaa Olaanaa Liigii Musliimaa Idil Addunyaa waliin mari’ataniiru

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)- Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Barreessaa Olaanaa Liigii Musliimoota Idil Addunyaa Mahammad Bin Abdal Kariim Al Iisaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin waldanda’uu amantaa, nagaa mirkaneessuu fi dhimmoota biroo irratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti amantii Islaamaaf bakka olaanaa akka kennitu hubachiisaniiru.

Dabalataan Hambaalee Ityoophiyaa ‘UNESCO’tti galmaa’an kanneen akka Masjiida Al Najaashii, Holqa Soofumar fi seena qabeeyyii akkasumaas bakka argama sanadoota biroo ta’uu ibsaniiru.

Mahaammad Biin Abdal Kaarim Al Iisaa gama isaaniitiin, seenaa waldanda’uu amantaalee fi waliin jireenya Ityoophiyaatti waggoota dheeraaf turuu dinqisiifataniiru.

Seenaa keessatti Mootiin Najaashii musliimoota Ityoophiyaatti baqataniif bakka kennuun tumsa taasiaan yaadachiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment