Obbo Dammaqaan barreessaa olaanaa Ejensii Misooma Afrikaa – Tumsa Haaraa Misooma Afrikaaf waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin barreessaa olaanaa Ejensii Misooma Afrikaa – Tumsa Haaraa Misooma Afrikaaf Naardoos Baqqalaa waliin mari’ataniiru.

Hojiirra oolmaaa sagantaalee misoomaa NEPAD fi gahee biyyootaa irratti xiyyeeffachuun mari’achuu ibsameera.

Sagantaan misooma NEPAD hiyyummaa Afrikaa hir’isuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Sagantaalee misoomaa NEPAD hojiitti hiikuuf Ityoophiyaan tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Obbo Dammaqaan mirkaneessaniiru.

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa kan taasiisan yoo ta’uu, nageenya waaressuu fi hojiilee deebisanii dhaaburratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

NEPAD hojiilee misoomaa Ardii Afrikaa keessatti eegale cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Barreessituu olaantuun Ejensii Misooma Afrikaa – Tumsa Haaraa Misooma Afrikaaf Naardoos Baqqalaan gama isaaniin dhaabbatichi karoora Gamtaan Afrikaa 2063 qabate milkeessuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Karoora NEPAD hojiirra oolchuuf hanqina maallaqaa jiru guutuuf maallaqa walitti qabuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

NEPAD dameewwan Qonnaa, Saayinsii fi Teeknooloojii, Intarepiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa, akkasumas misooma birroorratti Ityoophiyaa waliin kan hojjetu ta’uu marichaan ka’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment