Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Bakka Bu’aa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Atuuwaal Kaaree waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan hojii humni nagaa kabachiisaa Ityoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti hojjete ilaalchisee ibsa laataniiru.
Ityoophiyaan yeroo itti aanus Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif deeggarsa kan taasiiftu ta’uu obbo Dammaqaan mirkaneessaniiru.
Bakka Bu’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Atuuwaal Kaareen gama isaaniin gumaacha Ityoophiyaa ergama nagaa kabachiisuu keessatti ba’aa jirtu galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.