DhMG deeggarsa Itiyoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Itti Aanaan muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’ataniiru.

Qaamoleen lamaan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaa gaggeeffamaa jiru cinaatti dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa Itiyoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Itiyoophiyaan sirna tumsa hundagaleessa keessatti biyya hojii ijoo raawwattu ta’uu Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Itiyoophiyaa rakkoolee hawaas diinagdee qabdu furuuf tattaaffiin taasiisaa jirtu bu’aa qabeessa akka ta’u abdii qabaachuu kaasaniiru.

Guutareez bara aangoo isaanii hariiroo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaa waliin qabu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin wayita Itiyoophiyaan rakkoo keessa turtetti DhMG fi Guutareez dhuunfaa isaaniin tumsa Itiyoophiyaaf taasiisaan diqisiifataniiru.

Hojiilee deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiru Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tumsuu akka qabu gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment