Obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaantii Yuugaandaa Yuuwerii Museeviinii waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC0- Obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaantii Yuugaandaa Yuuwerii Museeviinii waliin mari’atan.
 
Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaantii Yuugaandaa Yuuwerii Museeviinii waliin mari’ataniiru.
 
Jilli Ityoophiyaa Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin durfamu biyyoonni naannichaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaa carraaqa jiru akka deeggaraniif ergaa muummee ministiraa preezdaantichaaf ga’aniiru.
 
Turti Preezdaantii Yuugaandaa Yuuwerii Museeviinii waliin turameen duulaa olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti adeemsifamaa jiru irratti ibsi laatameera.
 
Preezdaanti Yuuwerii Museeviinii wayita kana Ityoophiyaan Afrikaa irraa biyya gita bittootaa hin bitamne ta’uu yaadachiisuun, kanaaniis Gaanfaa Afrikaaf kabaja ta’uu eeraniiru.
 
Nageenyi biyyichaa naannichaaf murteessaa ta’uu Preezdaanti Yuuwerii Museeviinii himaniiru.
 
Jilli Ityoophiyaa Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin durfamu biyyoota Baha Afrikaa 6 ol ta’an daawwachaa jiru.
 
Yaa ta’uutii odeeffannoon jilli Ityoophiyaa Ugaandaatti ABUT waliin jaarsuummaa ta’uuf gara sana imale jechuun miidiyaalee garaagaraan tatamsa’aa jiru soba ta’uu ni muuli’sa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment