Obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaantii Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa 26ffaa waliin marii’atan

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Preezdaantii Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa 26ffaa Alook Shaarmaa waliin marii’ataniiru.
Obbo Dammaqaa Makonniin daawwannaa preezdaantichaa kan dinqisiifatan yoo ta’u, Ministira Dhimma Alaa Biriitaaniyaa Doominiik Raab waliinis torbee darbee qabeenya qilleensaa dabalatee dhimmoota garagaraa irratti marii’achuun isaanii ni yaadatama.
Alook Shaarma gama isaaniin Ityoophiyaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf karoora baafattee hojjechaa jirtu dinqisiifachuun, biyyoota ollaaf abdii tahuu himaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaarratti xiyyeeffate qopheessummaa Biriitaaniyaan ni gaggeessa.
Obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaa fi biyyoonni olla sababa jijjiirama qabeenya qilleessaan balaa lolaa, gogiinsaa fi balaa uumaamaan miidhamuu ibsaniiru.
Balaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa fidu hir’isuuf Ityoophiyaan tarsiimoo misoomaa magariisaa baasuun hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment