Obbo Dammaqaa Mokonnin Pireezidaantii Seeraaliyoon waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Pireezidaantii Seeraaliyoon Dooktar Juuliyas Maadaa Biyoo waliin mari’ataniiru.

Yaa’iin Hooggantoota Misooma Qabeenyaa Humna Namaa Afrikaa har’a xumurameera.

Jilli Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamus yaa’ichaarratti hirmaachuun ni yaadatamaa.

Yaa’ichaan cinaattis Obbo Dammaqaa Mokonniin Pireezidaantii Seeraaliyoon Dooktar Juuliyas Maadaa Biiyoo waliin dhimmoota gamlamee, ardichaa fi damee hedduurratti mari’ataniiru.

Mootummoonni biyyoota lameenii dameewwan hedduurratti hojiileen hojjetaa jiran milkaa’inaalee galmeessan ilaalchisees marii bal’aa gaggeessaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin mootummaan Ityoophiyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan, maaddii guutuu, oomisha qamadii fi sosochii “Barnoota dhalootaaf” ilaalchisee pireezidaantichaaf ibsa taasisaniiru.

Ityoophiyaan Seeraaliyoon waliin walta’iinsa gama lameenii, ardii fi damee hedduu qabdu caalmaan cimsuu akka barbaadduu akeekaniiru.

Seeraaliyoon Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensaa jijjiiramtuu ta’uun filatamuu ilaalchisee pireezidaantichaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pireezidantiin Seeraaliyoon Dooktar Juuliyas gama isaaniin wabii nyaataa humna namaan walqabatu, qonnaa fi hojiilee fayyaa ilaalchisee muuxannoo biyya isaanii Obbo Dammaqaaf qoodaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment