Obbo Dammaqaa mokonnin ministiroota dhimma alaa Kooriyaa Kibbaa fi Ayaarlaandi waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa mokonnin Ministira Dhimma Alaa Kooriyaa kibbbaa Kaang Kiyuung-Waahaa fi Ministira Dhimma Alaa Ayaarlaand Saayman Koviiniiy waliin mari’ataniiru.
Marichaan Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa mokonnin gareen badii ABUT Ityoophiyaanonni abdii kan godhatan jijjiirama dhufe maqsuuf hojjechaa akka ture ibsaniiru.
Garichi gochaa badii raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaa irratti raawwateen walqabatee mootumman gara olaantummaa seeraa kabachiisutti seenuu beeksisaniiru.
Wayita ammaa duulli olaantummaa seeraa xumuramuu ibsuun bu’uuraalee misoomaa deebisaanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachu eeraniiru.
Yakkamtoota adamsuu fi bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruun eegalamuu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment