Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC)-Itti aanaa Muummee Ministeeraa fi Ministir Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Ministeera Alaa Hindi Subiraahimaan Jaayishaankaar waliin mari’ataniiru.
Marichi hidha haaromsaa guddichaa fi haala yeroo Ityoophiyaarratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhimmoota waliiniirrattis yaada ijaarsaa wal jijjiiraniiru jedhame.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoonii hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa fi haala waqtaawaa kaabaa biyyatti ilaalchisee ejjennoo qabateef Hindi deeggarsa taasifteef obbo Dammaqaan galateeffataniiru.
Deeggarsa Hind Ityoophiyaaf gootuun galateeffachuun, dhimmoota fedhii fi faayidaa waloorratti qindoomina biyyoota lameenii cimsuun barbaachisaa akka ta’e kaasuu isaanii ragaan waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.