Obbo Dammaqaa Mokonnin Ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa waliin marii’atan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa Peekaa Haaviistoo waliin marii’ataniiru.
Wayita marichaa obbo Dammaqaan ijaarsa bu’uuraalee misoomaa deebisanii dhaabuu irratti ibsa laataniiru.
Mootummaan wayita ammaa bulchiinsa yeroo naannichaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin tahuun deeggarsa namoomaa fi bu’uuraalee misoomaa deebisaanii dhaabu irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhiyeessi deeggarsa namoomaa waliin walqabatee dhaabbileen 26 deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Ibsa gamtaan Awyrooppaa naannoo tigiraay ilaalchisuun baase irratti mootummaan ejjennoo qabu ibseera.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment