Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Agarsiisa Ityoophiyaan Haa Oomishtuu daawwatan.
Daawwannicharratti Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabaliifi hoggantoonni biroon argamuu ibsameera.
Agarsiisni Ityoophiyaan Haa Oomishtuu Eebla 28, 2015 galama Barkumeetti baname guyyaa har’aa ni xumurama.
Agarsiisicharratti indastiriiwwan oomishaa 124 oomishaaleefi tajaajiloota isaanii dhiyeessuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.