Obbo Dammaqaa Mokonnin Afrikaa Bahaatti Ergamtuu Addaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Afrikaa Bahaatti Ergamtuu Addaa Gamtaa Awurooppaa, Dooktar Aaneet Weebar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis, Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuun, walta’iinsa Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa akkasumas dhimmota naannawaa biyyoota lameen fayyadamtoota taasisan irratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti nageenya bu’uuressuuf mootummaan tattaaffii taasisaa jiruu fi ce’umsa haqaarratti hojiilee hojjechaa jiruu ilaalchisees Obbo Dammaqaan ibsa kennaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment