Obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaa Hiindii waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)- Itti Aanaan Muummee Ministira fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, Ministira Dhimma Alaa Hiindii Subraahimaaniyaa Jaayishankar waliin mari’atan.

Marii isaaniin, Obbo Dammaqaan haala hojiirraa oolmaa waliigaltee nageenyaa, dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi sochii bu’uuraalee misoomaa hojii eegalchisuuf hojjetamaa jirurratti ibsa kennaniiru.

Dabalataniis, hojiilee Koomishiniin Marii Biyyaalessaan hojjetamaa jiran ilaalchisuun ibsa kennu isaanii ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

Hiindi walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiitti mudatee ture fi Hidha Haroomsaan walqabatee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti deeggarsaa Ityoophiyaaf taasisteef Obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment