Obbo Dammaqaa Mokkonnin itti aantuu barreessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonnin itti aantuu barreessiituu olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Itti aantuutti mootummaan Ityoophiyaa dhiibbawwan garaagaraa keessaa ta’uun haalota bifaa milkaa’een hordofuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaan waliin hariiroon qabu itti fufsiisuuf ejjennoo agarsisee dinqisiifataniiru.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf dhufuu isaaniin biyyattitti naannolee Amaaraa, Somaalee fi Tigraayiin iddoo tokko tokko daawwachuun haala qabatamaa lafarra jiru hubachuuf carraa uumeef himaniiru.

Daawwannaa isaaniin walitti bu’iinsa muudateen dhiibbaa namoomaa qaqqabee ilaaluu ibsaniiru.

Akkasumas hongee kutaa biyyatti tokko tokkootti muudatee  miidhaa qaqqabee hubachu danda’uu kaasaniiru.

Gama biraatin ammoo nageenya waaraa buusuuf tattaaffiiwwan eegalama akka itti fufaan himaniiru.

Obbo Dammaqaanis gama isaaniin, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hariiroo jaba Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf itti aantuutti fi hoggantoonni olaanoon biroon kaka’umsaa agarsiisaniif galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment