Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC)-Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Saa’ud Arabiyaa yeroo hojiisaanii xumuruun gaggeeffamaan Saamii Jamiilaa Abdullaayii waliin haala baqattoota lammiilee Ityoophiyaa biyyattitti argaman irratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan Ambaasaaddarichi Ityoophiyaatti turtii taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetaa turuusaaniif galateeffataniiru.
Haala baqattoota lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti argaman irratti mari’ataniiru.
Sagantaa lammiilee baqattummaarra jiran deebisuu fi dandamachiisuurratti yaada wal jijjiirraniiru.
Ambaasaaddar Saamii Jamiilaa Abdullaayin gamaa isaaniin, turtii waggoota sadii Ityoophiyaatti taasisaniin tumsa mootummaa fi uummattoonni Ityoophiyaa taasisaniif galateeffachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.