Obbo Dammaqaa Makoonnin dippiloomaatoota biyyoota Awuurooppaaf ibsa kennan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makoonnin dippiloomaatoota biyyoota Awuurooppaa Ityoophiyaatti argamaniif ibsa kennan.

Obbo Dammaqaan hojirraa oolmaa waliigaltee nageenyaa  Mootummaa fi ABUT gidduutti mallatteeffame irratti ibsa laachuu ibsameera.

Dhiyeessi deeggarsa namoomaa fi tajaajilawwan bu’uuraa eegalchiisuurratti hojii bal’aan hojjetamuu addeessaniiru.

Manneen barnootaa fi dhaabbilee fayya sababa waraanaan barbada’an deebisanii ijaaruuf mootummaan hojjechaa jiraachuu eeruun, biyyoonni miseensa gamtaa Awuuropppaa deeggarsa barbachisoo akka taasisan gafaachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment