Obbo Dammaqaa Makoonnan Booris Joonsan waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan muummee ministira Biriitaaniyaa Booris Joonsan waliin mari’atan.
 
Itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan yaa’ii invastimantii Biriitaaniyaa – Afrikaa Landanitti gaggeeffamaa jiru cinaatti muummee ministira Biriitaaniyaa Booris Joonsan waliin wal arguun mari’ataniiru.
 
Hariiroo biyyoota lamaanuu dhimmoota cimsuu danda’anirratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
 
Haaluma walfakkatun affeerra irbaataa masaraa mootummaa Beekingihaamitti taasifamerratti itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan Wilyaam waliin wal arguun mari’taniiru.
 
Itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan, Wilyaam Ityoophiyaa akka daawwataniif affeerraa taasisaniiru.
 
Itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan guyyaa kaleessaa ministira Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaa, akkasumas hoggansa dhaabbata Diyaajoo Maanaajiing Gruup waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama.
 
Marii isaanitiinis bu’uuraalee misoomaa, qonna, eegumsa naannoo, jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti biyyoonni isaanii tumsaan waliin hojjechuurratti kan xiyyeeffate ta’u ragaan waajjira Itti aanaan muummee ministiraa FDRI irraa arganne ni muldhisa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment