Obbo Dammaqaa Makonnin preezdaantii Faawundeeshinii Biil fi Miiliindaa Geets waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin preezdaantii dhaabbata misoomaa idil addunyaa  Faawundeeshinii Biil fi Miiliindaa Geets waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii haala faawundeshinichi hojiilee misoomaa Ityoophiyaa keessatti hojjechaa jiru cimsuun danda’amurratti ta’uu ibsameera.

Faawundeeshinichi hojiilee misoomaa waggoottan darban Ityoophiyaa keessatti  hojjeteen deeggarsa isaa qabatamaan mul’isuu obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Ga’ee faawundeeshinichi dameewwan barnootaa, fayyaa fi qonnaan ba’achaa jiru dinqisiifachuun dameewwan kanneen fooyyessuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment