Obbo Dammaqaa Makonnin miseensota diyaaspooraa waamicha Iid hanga Iid fudhachuun gara biyyaa dhufan waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) –Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministeerri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin miseensota diyaaspooraa waamicha Iid hanga Iid fudhachuun gara biyyaa dhufan waliin mari’achuu ibsame.

Obbo Dammaqaa Makonnin miseensota diyaaspooraa waamicha Iid hanga Iid fudhachuun Ingilizirraa gara biyyaa dhufan waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu eerameera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kanaan dura Iida biyyatti haa kabajnu jechuun waamicha Iid hanga Iid Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa akkasumas michuuwwan isheef taasisuun isaanii kan yaadatamudha.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment