Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Misoomaa Ingiliz waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Misoomaa Ingiliz Viikii Foord waliin mari’atan.

Aangoonni lameen mariisaaniin, dhimmoota yeroo kaaba Ityoophiyaa irratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaa Makonnin, Ingiliz deeggartuu misooma Ityoophiyaa ta’uu eeruun, hariiroon biyyoota lameenii cimee akka itti fufuuf gaafataniiru.

Viikii Foord gamasaaniin, hariiroo gam-lamee biyyoota lameenii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment