Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa Feeyisal Biin Faarhaan Al Saa’ud waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota lameenii cimsuufi dhimma lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiran irratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Tattaaffii Saa’ud Arabiyaan haalli yeroo Sudaan waliigalteerra akka gahamuuf taasisaa jirtu ilaalchisee anga’oonni lameen yaada waljijjiiraniiru jedhame.

Obbo Dammaqaan, qaamoleen Sudaan Waliigaltee Jiddaa akka mallatteessaniif gahee Ameerikaafi Saa’ud Arabiyaan bahatan diqisiifataniiru.

Sudaan gara furmaata nageenyaatti akka dhuftuuf Ityoophiyaan deeggarsa taasisuuf kutannoo qabaachuu eeraniiru.

Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ilaalchisee, mariin gam-sadee Gamtaa Afrikaan hogganamu deeggaramuufi kabajamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ibsi Liigiin Arabaa dhimma Hidha Guddicha Haaromsarratti baasu kamuu marii gam-sadeef haala bu’aa buusuu danda’uun ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Anga’oonni lameen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuus TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment