Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Hindi waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Hindii Subraahimaaniyaam Jaayishaankaar waliin  mari’atan.

Obbo Dammaqaan Yaa’ii Waliigalaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti Ministira Ministeera Dhimma Alaa Hindii Subraahimaaniyaam Jaayishaankaar waliin marii gaggeessaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Hindi carraawwan invastimantiifi fooyya’iinsa dinagdee  Ityoophiyaatti akka fayyadaman Obbo Dammaqaan waamicha dhiyeesaniiru.

Kana malees haleellaa garee shororkeessaan ABUT kaaba biyyattiitti baneefi gaaga’ama kaaba Ityoophiyaa karaa nageenyaan hiikuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jirurratti ibsa taasisaniiru.

Deeggarsa Hindi wayita Ityoophiyaan haalota rakkisoo keessa turtetti taasisteef galateeffachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment