Finfinnee, Sadaasa 13, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Aljeeriyaa Raamaataan Laamaamraan waliin mari’atan.
Walga’ii Addaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa guyyaa boruu Niijeer Niyaamiitti eegalurratti hirmaachuuf garas kan imalan Obbo Dammaqaan, haala yeroo biyyaalessaafi waliiga;ltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffamerratti Raamaataa Laamaamraaniif ibsa taasisaniiru.
Waliigalteen nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame Afrikaan rakkoolee ishee ofiin furuu akka dandeessuuf agarsiistuu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Aljeeriyaa Raamaataan Laamaamraan ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Birmadummaafi nageenyi Ityoophiyaa akka kabajamuuf biyyisaanii fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Michummaan biyyoota lameenii akka cimuuf walin hojjechuuf waliigaluus eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.