Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin hoggantoota Yuuniskoofi Dhaabbata Tumsa Barnootaa waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Daayrektara Yuuniskoo, Dooktar Riitaa Biisnaawuziifi Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Tumsa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Musalam waliin mari’achuu ibsameera.
Obbo Dammaqaan marii Dooktar Riitaa waliin taasisaniin, deeggarsa teekinikaafi meeshaalee Yuuniskoon tattaaffii Ityoophiyaan hambaalee biyyaalessaa eeguuf taasistuuf taasisu galateeffataniiru.
Dooktar Riitaa gamasaaniin, qaamoleen lameen barnoota, aadaafi saayinsii babal’isuuf hariiroo isaanii cimsuu qabu jedhan.
Obbo Dammaqaan marii Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Tumsa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Musalam waliin taasisaniin, Ityoophiyaan teessoo olaanaa dhaabbatichaa ta’uun filatamuusheetti gammaduu ibsuun, dhaabbatichaaf tumsaafi deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Sheek Mansuur Biin Musalam gamasaaniin, dhaabbatichi teessoo isaa Ityoophiyaa taasisuun faayidaalee hedduu kan qabu ta’uu eeruun, milkaa’ina dhaabbatichaaf deeggarsi mootummmaan Ityoophiyaa taasisu kan addaan hin cinne ta’uusaa abdii qaban ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.