Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin guyyaa yaadannoo hundeeffama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinneetti qophaa’erratti hirmaataniiru.
Ityoophiyaan chaartarri dhaabbatichaa akka kabajamuuf kutannoo kan qabduu fi hojiilee dhaabbatichi Ityoophiyaa keessatti hojjetu deeggaruu kan itti fuftu ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Dhimma haala yeroo ilaalchisee mootummaan biyyattii wal hubannoo uumuu tattaaffii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Akka miseensa hundeessituu dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galma isaa milkeessuuf ga’ee mataa ishee bahachuu kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni olaanoon dhaabbatichaa fi bakka buutonni Gamtaa Afrikaa sirnicharratti hirmaachuu ragaan Ministeera Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.