Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamar waliin mari’atan.
Mariisaaniin, mootummaan Ityoophiyaa walitti bu’iinsi kaaba biyyattiitti uumame karaa nagaan akka furamuuf kutannoo qabaachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Maayik Hamar gamasaaniin, Ameerikaan deeggarsa marii nageenyaa hoggansa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuuf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Dabalataanis hariiroo biyyoota lameenii waggoottan dheeraa lakkoofsise cimsanii itti fufuuf waliigaluu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.