Obbo Dammaqaa Makonnin bakkeewwan Gashanaa hanga Waldiyaa jiran daawwatan

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin bakkeewwan Gashanaa hanga Waldiyaa jiran daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniitiin miidhaawwan magaalota garaagaraarra qaqqabe daawwachuu fi phaaphaasii kutaa lallabaa Walloo Kaabaa Abuna Eermiyaas dabalatee kutaa hawaasaa garaagaraa waliin mari’achuu ibsameera.

Uummata magaalichaa tasgabbeessuunii fi balaan akka isa hin mudanneef qabsoo taasisaniif obbo Dammaqaan Abuna Eermiyaasiin galateeffataniiru.

Gara fuulduraattis deeggarsi isaanii akka itti fufu gaafataniiru.

Adeemsa miidhaa qaqqabe qulqulleessuu fi ada baasuunis deeggarsa akka taasisan Obbo Dammaqaan gaafataniiru.

Maddi :- DhPI

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment