Obbo Dammaqaa Makonnin Ayyaana Adwaa 126ffaa ilaachisuun ergaa baga geessanii dabrsaniiru

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin kabaja yaadannoo injifannoo ayyaana Adwaa 126ffaa ilaachisuun ergaa baga geessanii dabrsaniiru.

Ayyaanichi dhaloota ammaa fi dhaloota dhufuun sadarkaa olaanaan kan kabajamu ta’uu ergaasaaniin eeraniiru.

Imala seenaa dheeraan diinonni keessaa fi alaa Ityoophiyaarratti waraana banuun birmadummaa fi walabummaashee tuquu kaasaniiru.

Aggaammiiwwan diinotasheerraa itti aggaamaman injifannoon ba’achuu fi icitiin injifannooshee jabina tokkummaa uummatasheerratti kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.

Seenaa guddaa walharkaa fuudhiinsa dhalootaan galmaa’e keessaa injifannoon Adwaa isa ijoo ta’uu himaniiru.

Ayyaanichi miira injifatummaa sammuu dhalootaa keessa kan kaa’u duudhaa waloo keenyaati jedhaniiru.

Ayyaanni injifannoo Adwaa qabsoo birmadummaa fi bilisummaa biyyaa kabachiisuuf taasifamee fi dachee Ityoophiyaarra darbee kabajamuu mirga gurraachotaaf sosochii kan uume ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhaloota bara kanaan aggaammiiwwan humnoota birmadummaa Ityoophiyaa tuquuf aggaamaman qolachuun tokkummaashee eegdee imala ishee gara fuulduraatti itti fufuu kaasaniiru.

Ammas taanaan haleellaawwan birmadummaa fi bilisummaa biyyaarratti aggaamaman tokkummaan qolachaa rakkoolee  walxaxoo fuuldura keenyatti nu eegan akka ceenuuf shaakkalliiwwan tokkummaan injifannoo galmeessuu hojiin haa mirkaneessinu jedhaniiru.

Uummata Ityoophiyaa maraan baga guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa 126ffaa geessan jechuun gama miidiyaa hawaasummaasaaniin ergaa dabarsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment