Obbo Dammaqaa Makonnin abbootii qabeenyaa Azarbaajaan waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin abbootii qabeenyaa Azarbaajaan waliin mari’achuu ibsame.

Obbo Dammaqaan abbootii qabeenyaa biyyattii waliin filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti marii taasisaniiru.

Mariisaaniin haalota mijatoofi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa akkasumas jajjabeessituu mootummaan Ityoophiyaa abbootii qabeenyaa invastimantii Ityoophiyaarratti hirmaataniif taasisurratti ibsa kennuu eerameera.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii gamasaaniin, ibsa taasifameef galateeffachuun yeroo ittaanutti Ityoophiyaatti dameelee Konistiraakshinii, miiliitarii, qonnaafi kanneen biroorratti hirmaachuuf fedhii qaban ibsuu ragaan Ankaaraatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment